Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Maal Dhaamti Oromiyaan? (Walaloo J/O. O.)
 
MAAL DHAAMTI OROMIYAAN?
Yaa ilmaan koo, ilmaan abbaa biyyaa!
Bara dhibba caalaa boolumaahiin iyyaa!
Na hammattee jirtii hin'agarre wayyaa!
Jiraachuu hin'dandeenyee maalumaa  naa wayya?
Sossoohuu dadhabee qamni na furfuree!
Dhaabatuu hin'dandeenyee miili na kurkuree!
Foon narraa duguugee lafee na qoqoree!
Addaan na qoqqoodee na nyaachise saree!
Tiyyaa osoon oo'uu ilmaan ni na taree!
Gosaa fi amantii, gandaan walii diree!
Shinbirroon barartee qubatte mukarraa!
Ilmaan oromtichaa garaa na mararaa!
Garaaf wal basaasee nyaaphaa wal gurguraa!
An tiyyaa muradhee Rabbumaa naa jiraa!
Ilmaan koo hin'rafinaa ka'aa hirribarraa!
Yaa shanyii bilisaa diinaa fira kee tolchii adda barii!
Haali keessa jiratan kan duriin gargarii!
Harka wal qabadhaa dhugaadhaaf wal waamaa!
Cubbuu raa fagaadhaa farra bilisummaa!
Falmadhaa hin'taa'inaa gidiraa gabrummaa!
Lafarraa duguuyuu shanyii ilmaan ormaa!
Duniyaan zamanaa qochumaa hin'tartuu!
Isiin sagalumaa kudhan hin'guutamtuu!
Lubbuu du'a hin'olle ijaan laltee hin'gartuu?
Saba kee gargartee haqa kee hin'loltuu?
Ka'aa yaa ilmaan koo lubbuu wal gololchaa!
Waan Rabbiin nu beeku gargarsaaf gumaachaa!
Hammeenyi jabaatee walirratti cichaa!
Walitti dirmadhaa du'arraa wal olchaa!
Hangaftichi keessan kan oromoo guddaa!
Isiniif jabeeysee galmee Raabaa Gadaa!
Bara meeqa guutuu nyaphi isa sardaa!
Maalumaaf calliftan ni beeytan wa'adaa?
Hangafa jachuun abbaa tahuu beekaa!
Aadaa oromtichaa kan hin'buqqifne bakkaa!
Nyaapha si dhaadatu isaa sirraa dhorkaa!
Ustanii hin'taa'inaa Waaqi isin arkaa!
Hamma dandeeysan itti laadhaa harkaa!
Leenci oromtichaa diina barbadeeysee irraa cira lukaa!
Yoo Rabbiin je'e Finfinnee gubbaatti isinumaan arkaa!
Jabaadhaa ilmaan koo nyaapha firraa dhorkaa!
 
Dhamsa harmee teenyaa fudhannee haa kaanuu!
Gaddaa fi gammachuu waliin haa qoodannuu!
Adda -addaa baanee garree homaa hin'tarruu!
Saba keenyaaf jannee dantaa mataa keenyaa baletti haa harruu!
Tokkummaa oromoo jabannee haa jarruu!
Habashaa falfaltuu mogolee haa cirruu!
Irreen nu weerartee nu dhoowite jiruu!
Gahee ammaan booda teenyee hin'gabbarruu!
****<:>****
INJIFANNOON KEENYA HAA TAHU!
GADAAN-GADAA  BILISUMMAA TAHU!
                            
 

J/O. O

 



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net